ONM-ABO Ebla 13, 2024
Ilmi namaa bara murna bilxiginnaa keessa nagaan ba’ee nagaan galuun itti ulfaatee wayita jirutti Oromiyaa keessatti qaamni biyya bulchina jedhu lubbuu namoota qulqulluu tirgaa siyaasaa godhachuun guyyuu dhiiga qulqullootaa dhangaalasaa oola.
Murna bilxiginnaa biratti dargaggeessi Oromoo abdii biyyaa ta’an ajjeechaa fi achi buutee dhabamsiifamuun baratamee jira.
Guyyaa kaleessaa jechuun Ebla 12, 2024 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Kusaayee keessatti dargaggoo tokko ammaaf maqaan isaa kan nu hin geenye haala suukkaneessaan hidhattoonni sirnichi bobbaase rasaasaan waadanii ajjeesuu ibsan.
Murni faashistii PP ilmaan Oromoo ganda tokkoo qabuun ganda biraatti akkasumas aanaa tokko irraa qabuun aanaa biraatti geessanii ajjeesuun, namootni eenyummaa namootaa akka wallaalan gochaa jiraachuun ni beekama.

