Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WARRA SHINNIGGAA, DIRREE QABSOO fi FALMAA IRRATTI LUBBUU ISAANII DHABAN HUNDAAF HAA TA’U!

Saree ta’e hin jiraadhu
Leencumaa ta’een du’a
Dhugaa sabakoon barbadaa
Hin dhuguu burqaa gu’aa

Jedhanii falma seenani
Falma dhugaa fi haqaa
Yomumaa irraa goraanii
Isuma dhugaa waaqaa

Karaa haqaas malee
Hin deemnu karaa raqaa
Irbu goototaa gannee
Hin nyaanu waadaa sabaa

Mucaa gandas jettanii
Nun waaminaa tasumaa
Nuti ilmaan ganda mitii
Nuti Oromoodha dhuguma

Sanyii keenyaatu tokko
Nuu waliirraa dhalannee
Haadhoo waliif taanee
Wajjiiniin jiraanne

Kanaaf adda hin baanu
Haadhoo gara tokkotii
Oromoo taane dhalanne
Nuti mucaa gandas miti

Jedhanii waadaa galanii
Waadaa irbuu Shinniggaa
Magaarsaa Barii fi
Yiggazuu Bantiifaa

Waliif amanamanii
Tokkummaa lallabanii
Irree garboomsaa sanas
Fiincilanii didanii

Kutaa fi amantii hin qabnu
Oromoo taane banee
Wal qoonnees qofaa hin gallu
Walumaan dhumna malee

Oromoo taanee banee
Soomaalee taane hin gallu
Irbuu shinniggaa gannee
Wal qoqqoonnee hin bullu

Yoo dhumne waliin dhumna
Yoo jiraannes waliinii
Nuti Oromoon tokkodha
Haa badu qoqqooddanii

Jedhanii didaanii
Gammoojjii gaafa Soomaalee
Qabsoo isaanii galmaan ga’anii
Kanammoo maaltu caalee

Tokkummaadhaan duuna
Tasaa wal hin buusnuu
Boollumaa tokkotti
Nuu awwallaa isinuu

Dura dhaabbatanii
Akkasiin falmanii
Diina gandoomsaa sanaaf
Lubbu isaanii kennanii

Kanaaf xurree dhiigaan
Siidaa nuuf ijaarani
Oromoo tokkomsuudhaaf
Lubbuu isaanii laatani

Jaarreen kana keessaa
Eenyuufaa wamuu laata
Dhaddachoo Boruu fi
Falmataa Cacabsaa

Kana qofas mitii
Goototni hedduudha
Maqaa isaanii waamneef malee
Shinnigaan ragaadha

Boollaa tokkotti fincoofnee
Gurmuudhan waliin yaanaa
Shira ormaa cabsinee
Nu Oromoo tokko taana

Dhaamsa nuuf dabarsanii
Gootummaa nu barsiisanii
Isaa gara bilisummaatti
Geessu xurree nu agarsiisani

Kanaaf tokko taanee
Waliis jabeeffanna
Iddoo rakkoon jirutti
Waliillee gorfaanna

Wal dhiiba hambisnee
Jibbaa balaaleffanna
Diina tokkummaa keenyaa
wal wajjiniin falmanna

Malee hin dhageenyuu
Gandoomsaaf garboomsaa
Hiddaa isaa gogsinaa
Isaa furmaanni isaa ×2

Oromoodha jechuun
Himan maqaa keenya
Waanta biraas hin qabnu
Tokkummaadhaan wal dhageenya

Siidaa hin jignee dhaabanii
warri seenaa utubaani
Tokkummaa lalaabanii
Warri Oromoo tokkoomsani

Qoosaa fi taphaan mitii
Aarsaa hedduudhaan dhufee
Isaa tifkachuu qabna
Nuti dhaloonni qubee

Malee hin diignu galmicha
Jibbaa fi summii facaafnee
Seenaan bor maal nuun jedha
Yoo akka hin taane taane

Warra irbuu Shinniggaa
Dhugaan tokkummaa labse
Rakkoo jirtu hundumaasaa
Dha’ee gootummaan cabse

Kanaaf nus hin jigsinu
Kan goototni dhaabanii
Dhiiga isaanii cobsanii
Kan isaan katabaani

Nuti dhaloonni har’aas
Galmicha jabeessina
Waadaa isaanii fudhannee
Gandomsaa ittiin cabsiina

Dhaggeeffataa fi daawwataa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa
Fedhii Bilisummaa irraa

WARRA SHINNIGGAA, DIRREE QABSOO fi FALMAA IRRATTI LUBBUU ISAANII DHABAN HUNDAAF HAA TA’U!

BAGA EBLA 15 GUYYAA GOOTOTA OROMOO GEESSAN.

Exit mobile version