Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Irree fi gachaanni sabaa WBOn Zoonii Kibba Baha Oromiyaa Duulaa Gatii dhiigaa dhiigaan deebisuu fi jala bultii Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15/2024  sababeefaachun diina halkan guutuu irriba dhorkuun baaragsaa bule

DuulaGumaaDhiigaaDhiigaanDeebisuu

ONM-ABO Ebla 16,2024

Irree fi gachaanni sabaa WBOn Zoonii Kibba Baha Oromiyaa Duulaa Gatii dhiigaa dhiigaan deebisuu fi jala bultii Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15/2024  sababeefaachun diina halkan guutuu irriba dhorkuun baaragsaa bule.

Halkaan dheengaddaa jechuun  Ebla 14 korommiiwwan Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Leenjisoo Diggaa bakkoota garaagaraatti tarkaanfii fudhachuun injifaannoon goolabee jira.

Godina Arsii Bahaa Aanaa Jajuu ganda Soqqee Boqichaa fi  Wurutaa Doree iddoo qubsuma isheetti itti dhaquun loltoota diinaa 11ajjeesuun 16 madeessee baqachisee baasee jira.

Haaluma wal fakkaatuun halkanuma sana godina Baha  Shaggar aanaa Fantaallee ganda Gaara Diimaa iddoo qubsuma isheetti olii fi gadii gooluudhaan loltoota faashistii PP 8 ajjeesuun 11 madeessee meeshaalee hedduu irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisumma Oromoof galii godhee jira.

Walumaagalatti gootichii waraana bilisumaa Oromoo WBOn ayyaana Ebla 15 fi Duula Gumaa Dhiigaa Dhiigaan Deebisuuf diina haleeluun ciisichaa dhorkee akka isheen ofii wal baqattee bultu taasisee jira.

Exit mobile version