Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa onoota adda addaa keessatti jiraattonni kaadiroota sirna PP fi humnoota waraanaan hiraarfamaa jirra jechuun ONM’tti himan


ONM-ABO Ebla 26, 2024

Bilxiginnaan godina Jimmaatti dargaggoota humnaan leenjii waraanaa gara Xoollayii fi mooraa Awwaash Arbaa jedhamu geessuuf aanaalee 20 godinichi qabu hundaa keessaa namoota dirqamsiisuun ganda tokko irraa namoota 50 ol fuudhaa akka jiran himan.

Akkasumas daldaltoonni godina Jimmaa  keessa jiran gibira marsaa 2’ffaa akka kaffalan waraana sirnichaan dirqamsiifamuun cinatti, deggersa buusaa gonofaatiif ganda tokkorraa sangoota 5 marsaa 2’ffaaf walitti qabaa jiraachuun beekameera.

Oduu biraatiin ammoo qotee bulaa fi ilmi hiyyeessaa qarshii ittiin xaa’oo bitatullee dhabee rakkachaa yeroo jiru kanatti uummataan baankii Siinqeetti qusattan malee jechuun daldaltoonni fi qotee bultoonni baankii biraa irraa qarshii qaban dirqamsiifamanii gara baankii Siinqeetti akka jijjiiraniif murni bilxiginnaa ajaja dabarsuun himameera.

Namoonni baankii Siinqeetti maallaqa hin qusanne ammoo warreen mana daldalaa qaban akka irratti cufamuu fi  qonnaan bultootaan  xaa’oo fudhachuu hin dandeesan jechuunis doorsisaa akka jiran beekameera.

Exit mobile version