ONM-ABO Caamsaa 10, 2024
Abbaa irrummaa isaanii jabeessuun murni bilxiginnaa uummata akka ofii isaaniitii barbaadanitti afaan qawween qabeenyuma isaanii irratti olii fi gadi akka saamicha isaaniif tolutti naanneessaa jiru.
Fedha uummataan ala dirqiin doorsisee qonnaan bultootaa fi daldaltoota rakkisaa kan jiru murni PP mirga abbaa qabeenyummaa isaanii ugguruun fedha isaatiin baankii nuti jennetti qusachuu qabdu jechuun uummata akeekkachiisaa jiraachuun barameera.
Haaluma kanaan godina Baalee Lixaa aanaa Arannaa Bulluq keessatti qonnaan bultootaa fi daldaltoota tajaajila baankii fayyadamaniin maallaqa baankiilee biroo irraa qabdan gara baankii Siinqeetti jijjiiradhaa jechuun labsii hatattamaa baasaniin daldaltoonni fedha isaaniin ala baankiilee akka Hojii Gamtaa fi Awwaash irraa gara Siiqqeetti jijjiiraa akka jiran maddeen ifoomsan.
Kana malees aanicha keessatti miindaa barsiisotaa irraa kutuun barsiisonni waan ittiin jiraatan dhabanii rakkachaa jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

