ONM-ABO Caamsaa 6, 2024
Kaleessa Caamsaa 04, 2024 godina Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee kutaa magaalaa Diida Boqee keessatti humni jajjabee WBO magaalaa fi Ittisa Uummataa waliin ta’uun qeerrowwan magaalichaa humnaan maatii isaanii biraa qabamuun waraanummaa deemuuf qophaa’aa jiran gadhiisisan.
Humni waloo Jajjabee WBO magaalaa fi Ittisa Uummata walta’uun oppireeshinii geggeessaniin mana kuusaa midhaanii qeerrowwan Oromoo haati isaanii osoo boossuu achi keessatti barcuma Abiy Ahimed tiksuuf ugguramanii jiran qaxxisee biraan ba’uun dhukaasa tokko malee waardiyaa ukkaamsuun dargaggoota 190 ta’an bilxiginnaa harkaa baasuun maatii isaaniif deebiseera.
Maatii qeerrowwan kanas gocha kanatti gammaduun ijoollee isaanii magaalicha keessaa bakka birootti baqachiisaniiru.
Akka hawaasni magaalichaa eeruutti ganama har’aa humnaa yeroo sana egumsa irra ture jedhaman kanneen oppireeshinii sanaan miliqan waraanni faashistii PP qabuun mana hidhaatti darbitee dararaa jirti.
Kana malees qeerrowwan deebisanii qabuuf olii fi gadii fiigaa kan turan yoo ta’u, namoota fuula haaraadha jedhanii shakkan gaaffiin qoraa turan.
Sababa kanaanis hawaasni magaalichaa goolamuun itti aananii eenyuun qabanii hidhu jechuun yaaddoo keessa akka jiran jiraataan magaalaa Shaashamannee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

