ONM-ABO Caamsaa 4, 2024
Hojii impaayerattii keessatti dadhabee fi kufaatii dinagdee mudatee jiru dhoksuun bu’aa, galii fi ijaarsa qofa kan miidiyaan dubbatatu bilxiginnaan, hojjettootni daandii baaburaa Itiyoo Jibuutii garuu miidhaan nu irra ga’aa jira jedhu.
Akka hojjetaan tokko achi keessaa odeessa nuuf qoodetti dhaabbatichi galii biliiyoona 2 arganne jechuun yeroo miidiyaan ololutti ilmaan Oromoo hojjettoota daandii baaburaa kanaa ta’an sanyii fi ilaalchaan qoodamnee miidhamaa jirra jedhu.
Hojjettoonni dhaabbata daandii baaburaa Itiyoo Jibuutii sadarkaa (Level) 10 ol ta’an Finfinnee ta’anii maallaqa saamaa jiru jechuun hojjettootni sadarkaa gadii irra jiranii fi bobba’anii hojjetan maallaqa miindaa isaanii irraa akka dirqamaan kutanii kennaniif taasifamaa jiru jedhe.
Galii achi irraa argamus murnoota itti gaafatamummaan sadarkaa adda addaa irra jirantu saamaa jira, kana kan isaaniin mormu doorsisaa fi hojii irraa ari’uuf akeekkachiisaa jiru.
Hojjetaan biiroo maqaan isaa akka hin dhaa’amne barbaadu tokkos akka jedhetti namni gaaffii yoo gaafate akkasumas miindaa keenya maaliif narraa kuttu yoo jedhan, yoo isiniif ta’e hojjedhaa yoo ta’uu baate hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu, daandii irratti miidhaa nu irraan geessisuuf shira xaxaa jirtu jechuun isin hisiisnaan rakkisaa jiraachuun barame.
Sababa kanaanis dhaabbatni daandii baaburaa Itiyoo Jibuutii dararaa hojjettoota isaa irraan ga’aa fi galii isaanii hir’isaa galii sobaa inni argadhe jedhe dubbatatu sirrii akka hin taane uummanni hubachuun, miidhaa nu irra ga’aa jiru quba akka nu qabaattan jechuun dhaammataniiru.

