Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Balaa baaburaa Peeruu irratti mudateen namni tokko du’uun, yoo xiqqaate 40 madaa’an

ONM-ABO Muddee 31, 2025 

Aangawoonni Peeruu akka jedhanitti, sarara baaburaa Machu Pichu tajaajilu irratti baabura lama gidduutti walitti bu’iinsa uumameen namni tokko du’ee yoo xiqqaate namoonni 40 madaa’aniiru.

Miidhamaan kun baabura keessa ture keessaa tokko kan geggeessu ta’uu waajjirri abbaa alangaa magaalaa Kuskoo, magaalaa bakka Inkaa durii sanatti dhihoo jirtu ibseera.

Qondaaltonni akka jedhanitti imaltoota miidhaman adda baasuuf tattaaffiin taasifamaa jira, isaan keessaa hedduun isaanii daawwattoota biyya alaati.

Irra caalaan isaanii miidhaan cimaan akka irra gahe gabaafameera.

Viidiyoon imaltoonni gara televijiinii RPPtti ergaman namoonni miidhaman daandii cinaa ciisanii agarsiisa.

Ambulaansonni fi hojjettoonni yaalaa kudhan ta’an gara bakka balaan kun itti dhaqqabeetti kan ergaman yoo ta’u,  kunis naannoo fagoo Andees karaa kallattiin hin dhaqqabne keessatti argama.

Ejensiin baaburaa Ferrokaril Transandino akka jedhetti baaburri ‘PeruRail’ hojjetu naannoo walakkeessa guyyaa kutaa daandii tokkoo magaalaa Olantaytambo Machu Pichu waliin walqunnamsiisu irratti kan biraa kan ‘Inkaa Reeyil’ waliin walitti bu’e.

Sababni walitti bu’iinsa kanaa hatattamaan hin beekamne.

Bara 1983 irraa eegalee hambaa addunyaa UNESCO kan ta’e Machu Pichu guyyaatti giddu galeessaan daawwattoota gara 4,500 kan simatu yoo ta’u, baay’een isaanii biyya alaa irraa akka ta’an ministeerri turizimii Peeruu ibseera.

Exit mobile version