Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Booliiviyaatti balaa konkolaataan yoo xiqqaate namoonni 37 du’uun 39 madaa’an

ONM-ABO Bitootessa 2, 2025 

Balaa konkolaataa naannoo dhiha Pootosi biyya Booliiviyaa keessatti mudateen yoo xiqqaate namoonni 37 yoo du’an, 39 madaa’uu aanga’oonni naannoo himaniiru.

Balaan kun Sanbata sa’aatii 7am naannoo (11:00 GMT)tti karaa magaalota Uyuuni fi Kolchaani gidduutti  mudate.

Uyuuniin karra hawwata turizimii guddaa fi bakka soogidda addunyaa guddicha iskuweer kiiloomeetira 10,000 ol ta’e dha.

“Sababa balaa lubbuu namaa galaafate kanaan hospitaalota afur magaalaa Uyuuni keessatti namoota 39 miidhaman qabna, namoonni 37 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru,” jechuun dubbi himaan Ajaja Poolisii Kutaalee Pootosii gaazexeessitootatti himaniiru.

Hojjettoonni poolisii namoota ajjeefaman, kanneen miidhamanii fi hospitaala galan adda baasuuf hojjechaa jiraachuu dubbi himaan kun dabaluun himaniiru.

Dubbi himaan poolisii akka jedhanitti konkolaachiftoota lamaan keessaa tokko  imaltoonni alkoolii dhugee jiraachuu kan argan yoo ta’u, garuu lamaan isaaniiyyuu balaa kana irraa hafaniiru.

Daandiiwwan gaara Booliviyaa, kan kunuunsaa fi to’annaa xiqqaa qaban addunyaa kana irratti daandiiwwan lubbuu namootaa kan galaafatan keessaa tokko tokko yoo ta’u, waggaatti giddu galeessaan namoota 1,400 akka ajjeesan Aljazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version