Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Paakistaan keessatti balaa konkolaataa lama mudateen yoo xiqqaate namoonni 35 du’an

ONM-ABO Hagayya 26, 2024

Dilbata kaleessaa  Paakistaan keessatti balaa konkolaataa adda addaa lama mudateen yoo xiqqaate namoonni 35 du’uu isaanii qondaaltonni baraarsaa fi hospitaala ibsaniiru.

Konkolaataan uummataa namootni ittiin deemaa turan daangaa bulchiinsa Punjaab fi Kaashimiir kan Paakistaaniin ​​bultu gidduutti argamtu naannoo magaalaa Azad Pattan jedhamtutti boolla bishaanii keessatti kufuun namoonni 23 du’an.

Hoggantuun Hospitaala Waajjira Muummee Teysil magaalaa Kahutaatti argamu Sameena Kaan AFPtti akka himanitti, bakka balaan kun itti dhaqqabe irraa reeffi namoota 23 argameera.

Balaa kana erga dhageessee booda gara hospitaalaa kan imalte Taaraa Zafaar ”Miseensota maatii koo sadii dhabeera,” jechuun AFPtti himteetti.

Naannichatti baraarsitootni bobba’uu fi lakkoofsi namoota du’anii dabaluu mala,” jechuun qondaalli poolisii Aslam Bangulzayi bakka balaan kun itti dhaqqabe sana turan AFP’tti himaniiru.

Balaan kun kan mudate naannoo gaarreen, magaalaa  Utaalitti dhiyoo irraa naannoo kiiloo meetira 100 fi magaalaa daangaa Iraan Pishin irraa kiiloo meetira 500 fagaatee argama jechuun TRT Afrika’n gabaaseera.

Exit mobile version