Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Paakistaan keessatti ibidda dukkana daldalaa Kaaraachii keessatti mudateen lakkoofsi namoota du’anii yoo xiqqaate 14’tti ol guddate

ONM-ABO Amajjii 20, 2026 

Lakkoofsi namoota dhuma torbee darbee galma daldalaa Karaachii keessatti balaa ibiddaa mudateen du’anii yoo xiqqaate 14tti ol guddachuu akka aangawoonni Paakistaan himanii, barbaachami namoota achi buuteen isaanii dhabamee 50 ol itti fufee jira jedhu.

Itti aanaan inispeektara waliigalaa poolisii Kibbaa, Seyid Asad Raza, Wiixata kaleessaa gaazexaa ‘Daawon’ jedhamutti akka himanitti, Dilbata galgala irraa eegalee reeffi dabalataa saddeet hojjettoota baraarsaatiin kan argame yoo ta’u, lakkoofsi namoota du’anii jaha irraa gara 14tti ol guddiseera. 

Ogeessi baqaqsanii hodhuu poolisii Dr Summayiya Seyid guyya guyyaatti akka himanitti, walumaa galatti reeffi shan gara hospitaala naannoo sanaatti fidameera.

Gareen poolisii fi baraarsaa namoota 54 hanga 59 dhabaman hordofuuf ragaa bilbila harkaa fayyadamaa kan turan yoo ta’u, maatii qunnamuun ibsa bal’aa walitti qabuu danda’aniiru.

Kaaraachiin magaalaa guddittii Paakistaan fi magaalaa guddoo bulchiinsa kibba Siindii ti.

Bulchaan Siindii Kamran Tessori, kan kaleessa bakka kana daawwatan, miidiyaalee biyya keessaatti akka himanitti, namoonni “70 ol” achi buuteen isaanii dhabameera.

 “Gabaasni namoota 70 ol dhabaman garmalee sodaachisaa fi balaa guddaa kan uumudha,” kan jedhan Tessoriin, amma taatee kun “gara balaa biyyaalessaatti jijjiirameera” jedhan.

Boodarra Wiixata kaleessaa, itti gaafatamaan olaanaa hojii baraarsaa Abid Jalal Daawonitti akka himanitti, abiddi kutaa dukkaana tokko irratti  itti fufee waan jiruuf, tattaaffiin ibidda dhaamsuu deebi’ee jalqabameera.   

Qondaaltonni jalqaba ibiddi kun kan ka’e rakkoo elektirikii dukkaana tokko keessatti akka ta’e kan shakkan yoo ta’u, boodarra garuu sababni isaa hanga ammaatti akka hin mirkanoofne ibsuun, qorannoon poolisii gaggeeffamaa jira jechuu isaanii Al Jazeeraan gabaaseera

Exit mobile version