Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Biyya Afrikaa Dhiyaa Maaliitti Balaa lafa albuudaa warqee qotanitti mudateen yoo xiqqaate namootni 48 du’an

ONM-ABO Gurraandhala 16, 2025 

Sanbata kaleessaa Lixa Maaliitti albuuda warqee seeraan ala hojjetu kufaatii isaatiin yoo xiqqaate namoonni 48 du’uu isaanii aanga’oonni fi maddeen naannoo AFP’tti himaniiru.

Maaliin oomishtoota warqee Afrikaa keessatti adda duree ta’an keessaa tokko yoo taatu, iddoowwan albuudaa yeroo hunda bakka jireenyaa fi balaawwan lubbuu namaa galaafatan ta’u.

Aangawoonni sibiila gatii guddaa qabu biyyattii keessaa hanga ammaa hin to’atamne to’achuuf rakkataniiru. Biyyattiin Albuudaa warqii kanaan badhaatus hiyyeeyyii addunyaa keessaa tokkodha.

Namootni albuuda kana baasuun of jiraachisan irratti balaa kaleessa mudate kanaan namootni 48 du’uu maddi poolisii ni ibsa.

Barbaachi miidhamtootaa itti fufee jiraachuu itti gaafatamaan dhaabbata naannoo AFP’tti himaniiru.

Balaan Sanbata kaleessaa  mudate bakka duraan dhaabbata Chaayinaatiin hojjetamaa turetti akka ta’e maddeen AFP’tti himaniiru.

Ji’a Amajjii keessa, albuuda warqee kibba Maaliitti argamu irratti lafti cituun yoo xiqqaate namoota 10 kan ajjeese yoo ta’u, kanneen biroo hedduun dubartoota dabalatee akka badan kan taasiseera.

Maaliidhumattj waggaa tokkoo oliin dura, bakka albuuda warqee baasanitti jigiinsa uumameen namootni 70 ol du’aniiru jechuun AFP’n Baamaakoo irraa gabaaseera.

Exit mobile version