Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hojii gaggeessitoonni dhaabbata warqee Awustiraaliyaa 3 Maalii keessatti to’annoo jala oolan

ONM-ABO Sadaasa 11, 2024 

Hojii gaggeessitoonni albuuda warqee Awustiraaliyaa 3 Maalii Baakootti to’annoo poolisii jala galuun dhimma sobaa fi qabeenya ummataa miidhan jedhame irratti gaafatamuu isaanii namoonni dhimmicha beekan mirkaneessaniiru.

Daarektarri olaanaa mootummaa Maaliitiin to’annoo jala ooluu isaanii maddi Ministeera Haqaa Anadolutti himeera.

Holohan fi hoggantoonni dhaabbatichaa biroo lama Jimaata darbe to’annoo jala ooluu isaanii maddi walfakkaataan maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate ibseera. 

Hojii gaggeessitoonni dhaabbata kan albuuda warqee Siyama kibba dhiha biyyattii keessatti argamu keessaa %80 kan qabu yoo ta’u, qaama qorannoo sobaa fi qabeenya ummataa miidhuu himame irratti gaggeeffamaa jiruun gaaffiin dhiyaachaa jira. 

Himannaan kun qondaalli dhaabbatichaa tokko cimsee kan morme yoo ta’u, innis maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafateera.

Dhaabbileen biyya alaa damee albuudaa irratti ol’aantummaa qaban yeroo dhiyoo asitti sirna waraanaatiin damee kana to’achuuf carraaqqiin taasifamu dabalaa dhufeera.

Hoggantoonni waraanaa Maalii bara 2020 aangoo erga qabatanii as galii albuudaa caalaatti haqa qabeessa ta’een akka qoodamu dhaadataniiru.

Sabni Saahel Afrikaa keessatti warqee oomishtoota adda duree keessaa tokko ta’us, biyyoota hiyyeeyyii addunyaa keessaas tokkodha jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version