ONM-ABO Fulbaana 17, 2024 Dooniin irra caalaan qonnaan bultoota fe’atte kaaba dhiha Naayijeeriyaa laga tokko irratti garagaltee yoo xiqqaate namootni 40 bishaaniin liqimfamuu Pirezidaantiin Boolaa Tinubuu ibsaniiru.
Balaan kun kan mudate naannoo Zamfaraatti, qonnaan bultoonni lafa isaanii ga’uuf yaalaa osoo jiranii akka ta’e ibsa Tinubuun baaseen beeksiseera.
Pireezidaantichi namoota miidhamaniif deeggarsa akka godhan waadaa kan seenan yoo ta’u, dhaabbileen balaa tasaa taatee kana akka qoratan qajeelfama kennaniiru.
Dubbi himaan poolisii Zamfaraa Yazid Abubakar akka himanitti balaa mudate kanaan namoonni shan yoo baraaraman, garuu ammallee 40 achi buuteen isaanii dhabameera.
Yeroo bidiruun kun gadi bu’u namootni meeqa keessa akka turan battalumatti ifa hin turre.
Dooniin kun irra caalaa qonnaan bultoota yeroo hunda qaxxaamuraa kana fayyadamuun oomisha gabaa irratti gurguran kan fe’atte yoo ta’u, namoonni naannoo sanaa yeroo baay’ee fe’umsa garmalee akka qaban dubbatu.
Balaan bidiruu Naayijeeriyaa keessatti sababa fe’iinsa garmalee fi bidiruu haala gaarii hin qabneen kan mul’atudha.
Ji’a Hagayyaa keessa kibba Naayijeeriyaa laga irratti balaa bidiruu mudateen erga motorri dhoohe booda namoonni 20 ol du’aniiru.
Dooniin baay’een isaanii qaama lubbuu baraaruu hin qaban ykn tarkaanfiiwwan nageenyaa sirrii ta’an hin qaban jedhu namoonni naannoo sanaa jechuun France 24 gabaaseera.

