Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Naayijeeriyaa keessatti lolaa torban lamaaf mudateen lubbuun namoota 170 darbe

ONM-ABO Hagayya 28, 2024

Guutummaa Naayijeeriyaa keessatti lolaan torban lamaaf mudate namoota 205,000 ol qe’ee isaanii irraa buqqisuun guutuu Naayijeeriyaa keessatti yoo xiqqaate namoonni 170 du’uu fi gara 2,000 madaa’uu isaanii ragaan Giddugala Hojii Balaa Tasaa Biyyaalessaa biyyattiin baaste ni mul’isa.

Naannoo kaaba biyyattii keessatti kutaaleen biyyattii saddeet irratti miidhaan cimaan kan gahe yoo ta’u, naannolee hedduu keessatti roobni itti fufee jiruu dha.

Aanga’oonni meetirooloojii roobni cimaan kun hanga ji’a itti aanutti akka turu tilmaamaniiru.

Lolaan lafa heektaara kuma kudhaniin lakkaa’amu irrattis midhaan faca’e dhiquun biyya Afrikaa Dhihaa keessatti bara kana nyaanni argamuu irratti yaaddoo uumeera.

Qonnaan bulaan midhaanii godina  kaaba bahaa Yobee Ahimed Saeleh Anadolutti akka himanitti, qonnaan bultoonni harki caalaan dhiibbaa lolaa kun qonnaan bulaa irratti geessiseen rakkoo nyaataa biyyattii hammeessa jechuun yaaddoo keessa jiru jedhe.

Dubbi himaan Ejensii Balaa Tasaa Biyyaalessaa Ezeki’el Manzo Anadolutti akka himanitti, ejensichi qondaaltota balaa tasaa kutaalee biyyattii hunda waliin ta’uun taateewwan lolaa furuu fi bulchuuf akkasumas; sirna hordoffii isaa hojiirra oolcheera.

Biyyoota Afrikaa Dhihaa kan akka ollaa Naayijeeriyaa Niijar fi Chaad, akkasumas Burkina Faasoo dinagdeen rakkachaa jirtuu fi wabii nyaataa dhabuun ishee mudate keessatti lolaan miidhaa guddaa geessiseera.

Niijar bara 2020 irraa eegalee lolaan hamaa ta’e mudachaa akka jiru Waajjirri Qindoomina Dhimma Namoomaa (OCHA)’n magaalaa guddoo biyyattii Niyamey keessatti argamu beeksiseera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version