ONM-ABO Adoolessa 23, 2025
Siginnaa lafaa f irooba cimaa kaaba Paakistaan keessatti mudateen konkolaattota haxaa’ee yoo xiqqaate namoota sadii kan ajjeese yoo ta’u, konkolaattonni dabalataa caccabaa jalatti awwaalaman jedhan qondaaltonni Kibxata kaleessaa.
Lolaan cimaa, gamoon jiguu fi elektirikiin erga dhuma baatii Waxabajjii keessa waqtiin roobaa erga dhufee as lubbuun namoota 180 ol galaafatameera.
Wiixata Dheengaddaa roobni cimaan daandii guddaa aanaa Diyaamer Gilgit-Baltistan keessatti roobeen konkolaattonni saddeet ol akka harkifaman poolisiin olaanaa naannoo sanaa Abdul Hameed AFPtti himaniiru.
“Reeffi namoota sadii kan argame yoo ta’u, ammallee 15 ol achi buuteen isaanii dhabameera,” jechuun qondaalli poolisii aanaa Diyaamer Abdul Hameed AFPtti himaniiru.
Caccabaa kana jalatti yoo xiqqaate konkolaattonni 10 awwaalamanii akka turan himaniiru.
Dubbi himaan mootummaa Gilgit-Baltistan Fayizullaa Faraq lakkoofsa namoota du’anii AFPf mirkaneessaniiru.
Lolaan Wiixata dheengaddaa naannoo sanatti mudateen manneen 50, riqicha afur, hoteela, mana barumsaa tokko miidhee daandii gurguddoo cufuu fi mallattoo qunnamtii miidhee jira.
Roobni waggaa waggaadhaan roobu qonnaa fi wabii nyaataaf, akkasumas jireenya qonnaan bultoota miliyoonaan lakkaa’amaniif murteessaa ta’us,achitti badiisa fida.
Dhuma baatii Waxabajjii keessa yoo xiqqaate tuuristoonni 13 qarqara lagaa olka’aa irratti lolaa cimaa irraa bakka qabatanii osoo jiranii bishaaniin haxaa’amanii du’aniiru.
Bara 2022 lolaan roobaa biyyattii harka sadii keessaa tokko bishaaniin liqimsee lubbuu namoota 1,700 galaafateera jechuun AFPn gabaaseera.

