Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sigigaannaa lafaa Baanglaadeeshiin mudateen lubbuun namoota 6 darbe

ONM-ABO Fulbaana 14, 2024

Roobni cimaan kibba baha Baanglaadeesh keessatti  roobeen booda Jimaata kaleessaa baqattoota Rohingiyaa sadii dabalatee yoo xiqqaate namoonni jaha du’uu fi namoonni hedduun madaa’uu isaanii qondaaltonni himaniiru.

Sigigaannaan kun kan raawwatame moora baqattootaa Rohingiyaa dabalatee bakka adda addaa lamatti kan  yoo ta’u, guyyoota sadiif rooba cimaa booda ta’uu qondaalli mootummaa olaanaa dhimma baqattootaa to’atu Mohammad Shamsud Do’uza himaniiru.

Biyyi Eeshiyaa Kibbaa kun ammallee rooba cimaa fi bishaan olka’aa Hindii irraa dhufeen namootni 70 ol du’anii fi miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’an booda lolaa lubbuu namaa galaafate irraa dandamachaa jirti jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version