Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Eeshiyaa  Neeppaalitti lafti sigigachuun konkolaattotni deddeebisaa uummataa lama gara lagaatti erga seenee booda namoonni 63 dhabaman

ONM-ABO Adoolessa 13, 2024

Neeppaal keessatti kaleessa sigiga lafaa rooba cimaa roobuun irraan kan ka’e konkolaattota deddeebisaa uummataa lama daandii guddaa irraa gara lagaatti erga harkisee booda yoo xiqqaate namoonni 63 achi buuteen isaanii dhabamuu qondaaltonni himaniiru.

Hojjettoonni barbaachaa fi baraarsaa kudhanootaan lakkaa’aman namoota balaa  aanaa giddu galeessaa Chitwaan keessatti mudate kanarraa hafan argachuuf bakka sanaa barbaadaa akka turan qondaalli aanaa Kihimananda Bihusal AFP’tti himaniiru.

Bihusal akka jedhanitti, konkolaattotni kun yoo xiqqaate namoota 66 gidduu isaaniitti fe’anii kan turan yoo ta’u, imaltoonni sadii osoo laga Tirishuliitti hin kufin miliquu danda’aniiru, isaan amma hospitaalatti yaalamaa jiru jedhan.

Muummichi ministeeraa Pushpaa Kamaal Dahaal balaa kanaan gadda qaban waltajjii miidiyaa hawaasaa X irratti maxxansaniin ibsaniiru.

“Bulchiinsa biyya keessaa dabalatee dhaabbileen mootummaa hundi imaltoota akka barbaadanii fi bifa bu’a qabeessa ta’een akka baraaraniif qajeelfama nan kenna,” jedhan.

Rippabiliika Himaalaayaatti balaan lubbuu namaa galaafatu sababa daandii gaarii hin taane, konkolaattota haala gaarii hin taanee fi of eeggannoo malee konkolaachisuun kan mul’atuudha.

Ji’oota 12 hanga Eblaatti lubbuun namoota gara 2,400 ta’an daandii Nepaal irratti akka dhabame lakkoofsi mootummaa ni mul’isa.

Roobni moosoon guutuu Eeshiyaa Kibbaa keessatti ji’a Adoolessaa hanga Fulbaanaatti roobu hoo’a gannaa irraa boqonnaa kan kennu yoo ta’u, dhiyeessii bishaanii guutuuf murteessaadha, garuu du’aa fi badiisa bal’aa fiduun beekama.

Lolaan, sigiga lafaa fi balaqqeessaan erga baatii Waxabajjii keessa roobni roobu jalqabee guutuu biyyattiitti lubbuun namoota 88 darbuu isaa lakkoofsi poolisii ni mul’isa jechuun Gaazexaan Baangilaadish The Daily Star gabaaseera.

Exit mobile version