ONM-ABO Guraandhala 5,2024
Baajaajii 5000, deddeebisaa uummataa 10,000 adabuuf kan murteessan yoo bulchaa aanaa, itti gaafatamaa waajjira abbaa taayitaa geejjibaa obbo Ashannaafii Alleenyii fi waraanni faashistii PP waliin ta’uu magaalaa Muggii keessatti hanga ammaatti konkolaattotni akka hojii hin eegalle godhanii jiru.
Abbaan Taayitaa Geejjibaa godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo irraa addatti konkolaattotni deddeebisaa uummataa gara magaalaa Muggiitti akka hin imalle taasisuun konkolaattota gurguddoo kanneen akka Siinoo isaan waliin hidhata qaban qofti hojiif gara Muggii akka deeman eyyaman.
Magaalaa Muggiin alattis aanichuma gara ganda Heenecheettis akka geejjibni hin taasifamne taasisuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

