Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Roobni cimaan Hindii kutaa biyyaa Gujaarat rratti roobuun yoo xiqqaate namoonni 18 du’an

ONM-ABO Waxabajjii 19, 2025 

Roobni cimaan kutaalee dhiha Gujaarat Hindii keessatti roobeen erga Wiixata kaleessaa as yoo xiqqaate namoonni 18 du’uu qondaaltonni kutaa biyyattii himaniiru.

Gareen deebii balaa jiraattota kibba bulchiinsa kanaa gargaaruuf bobbaafamuu himuun. roobni cimaan dabalataa roobuuf qophaa’aa jiru.

“Taateewwan roobaan walqabataniin lubbuun namoota 18 kan dhaban yoo ta’u, gareewwan balaadhaaf deebii kennan naannoo gadi fagoo keessatti kudhanootaan kan baraaraman ta’uu ibsameera,” jechuun mootummaan kutaa biyyattii Kibxata galgala ibseera.

Naannoleen baay’inaan miidhaman magaalota Palitanaa fi Jesaar kan hammate yoo ta’u, Kibxata darbe sa’aatii 24 darban keessatti rooba miliimeetira 867 galmeessaniiru.

Komishinarri gargaarsa kutaa biyyattii Alok Kumar Pandey akka jedhanitti, namoonni 18 du’an kun bu’aa obomboleettii, balaqqeessaa fi kufaatii ijaarsaa sababa haala qilleensaa hamaa ta’een ta’uu ibsaniiru.

“Mootummaan haala kana to’achuuf qophii guutuu qabaachuu ibsuun, hojiiwwan gargaarsaa fi baraarsaa saffisaa ta’an mirkaneessuuf qindoominni kutaalee hojii gidduutti cimee jira,” jedhan Pandey.

Hindiin waggaa waggaan ji’a Waxabajjii hanga Fulbaanatti ho’a gannaa cimaa irraa boqonnaa kan kennu yoo ta’u, dhiyeessii bishaanii guutuuf murteessaadha.

Garuu waggaa waggaan yeroo roobaa sababa lolaa fi sigiga lafaa guutuu Hindii, biyya namoota biiliyoona 1.4 qabdu keessatti uumamuun namoonni hedduun du’aa jiraachuu AFPn gabaaseera.

Exit mobile version