Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hindii Keeraalaatti sigiga lafaa mudateen yoo xiqqaate namoonni 19 du’uun isaanii barame

ONM-ABO Adoolessa 31, 2024

Kibxata darbe tulluu bulchiinsa kibba Hindii Keeraalaa keessatti lafti sigigaachuun yoo xiqqaate namoonni 19 du’uu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan. Balaa uumame kana irratti rooba cimaa fi qunnamtiin interneetii gaarii hin taane jiraachuun tattaaffii baraarsaa gufachiiseera.

Namoonni dhibbaan lakkaa’aman kiyyootti galuu kan hin oolle yoo ta’u, daa’ima tokko dabalatee namoonni 19 du’uu isaanii gaazexaan Hidiyaan Eekspirees gabaaseera.

Mul’anni televijiinii bishaan dhagaa fi muka kufe keessaa dhangala’ee manneen hedduun barbadaa’uu agarsiisa. ”Haalli jiru hamaadha. Mootummaan dhaabbilee hunda akka baraaraniif dhiibbaa godheera,” jechuun Ministirri Bosonaa kutaa biyyattii A K Saseendran Rooyitarsiif himaniiru.

 Ministeerri Meetirooloojii Hindii Kibxata darbe naannoo sanatti rooba garmalee cimaan akka roobu tilmaameera.

Hojiin gargaarsaa itti fufee kan jiru yoo ta’u, helikooptaroonni humna qilleensaa Hindii lama socho’uu isaanii waajjirri muummicha ministeeraa Keeraalaa ibsa baaseen beeksiseera.

Naannawaa sanatti qunnamtiin intarneetii waan hin jirreef tattaaffiin baraarsaa gufateera jedhan qondaalli olaanaa Raayyaa Deebii Balaa Biyyaalessaa Mohsen Shahedii jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version