Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Hindiitti  sagantaa amantii irratti waldhabdee uumameen yoo xiqqaate namoonni 27 du’an

ONM-ABO Adoolessa 3, 2024

Bulchiinsa Uttar Pradesh Hindii kutaa Hatras keessatti sagantaa amantii irratti waldhabdee uumameen yoo xiqqaate namoonni 27 du’uu qondaaltonni fi miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

“Hanga ammaatti reeffa 27 arganneerra reeffi ammallee dhufaa jira,” jechuun qondaalli fayyaa olaanaa kutaa kaabaa Raam Mohan Tiwari Kibxata kaleessaa dhaabbata oduu AFP’tti himaniiru.

Namoonni hedduun waaqa Hindu Shiva jedhamu kabajuuf ganda Hatras jedhamu kan kibba Baha New Delhi irraa gara 140km fagaattee argamtutti walitti qabamanii turan.

Poolisiin magaalaa Hatras akka jedhetti namoota du’an dubartoota 23, daa’imman sadii fi dhiira tokko dabalata jedhe. Jeequmsa kanaan booda namoonni 150 ol hospitaalota seenuu kan himan yoo ta’u, lakkoofsi namoota du’anii dabaluu mala jedhan.

“Namootni miidhaman hedduunis hospitaala seenaniiru,” jechuun itti gaafatamaan olaanaa fayyaa aanaa kanaa Umesh Kumar Tripathi gaazexeessitootaaf ibsaniiru. 

Hindiitti iddoowwan waaqeffannaa yeroo ayyaanota amantii gurguddootti balaan lubbuu namaa galaafatu baay’inaan mul’ata.

Bara 2016 keessa dhohiinsi guddaan mana qulqullummaa bara haaraa Hindu kabaju keessatti agarsiisa ibiddaa dhorkameen uumameen yoo xiqqaate namoonni 112 du’aniiru.

Bara 2013’tti waaqeffattoota biroo 115 ammoo riqicha naannoo mana qulqullummaa giddugala Hindii kutaa Madhya Pradesh keessatti argamutti erga wal dhabdeen uumameen booda du’aniiru jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version