Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Biraazil kutaa biyyaa Alagowas keessatti balaa konkolaataa mudateen yoo xiqqaate namoonni 16 du’an

ONM-ABO Guraandhala 4, 2026 

Kaaba baha Biraazil keessatti otoobisii ayyaana amantii irraa deebi’aa ture tokko daandii irratti garagaleen daa’imman afur dabalatee yoo xiqqaate namoota 16 du’uu qondaaltonni biyyattii himaniiru.

Otoobisii kun Kibxata kaleessaa naannoo baadiyaa kutaa Alagowas keessatti garagaluun imaltootni tokko tokko kan ba’an yoo ta’u, kaan ammoo caccabaa jalatti qabamaniiru.

Mootummaan naannoo Alagowaas ibsa baaseen namoota ajjeefaman keessaa dubartoonni 7, dhiirota shan fi daa’imman afur akka ta’e beeksiseera. Balaan kun ammallee qoratamaa kan jiru yoo ta’u, “walxaxaa olaanaa” jedhamee ibsameera.

Miidiyaaleen Biraazil akka gabaasanitti, otoobisiin kun ayyaana amantii Giiftii keenya Kaandelariyaa, kan kutaa biyyaa See’ara keessatti kabajamu kan Guraandhala 2 yeroo waaqeffattoota kumaatamaan lakkaa’aman hawwatu irraa deebi’aa ture.

“Otoobisichi karaa irraa qaxxaamuree ba’ee, garagalee, namoonni tokko tokkos gadi darbataman,” jedhan Koloneel Andiree Madeero, daayreektarri Kutaa Aviyeeshinii Alagowaas, kan hojii baraarsaa kana irratti hirmaate.

Bara 2024tti Biraazil keessatti balaa tiraafikaatiin namoonni 10,000 ol du’uu isaanii Ministeerri Geejjibaa ibseera, Muddee 2024 dabalatee, kibba baha Biraazil bulchiinsa Minas Gerayis keessatti daandii guddaa irratti otoobisiin imaltootaa fi konkolaataan fe’umsaa walitti bu’uun yoo xiqqaate namoonni 32 du’aniiru.

Akkasumas bara 2024tti otoobisii garee kubbaa miilaa fe’ee ture daandii irratti garagalee lubbuun namoota sadii galaafateera jechuun Al Jazeeraan gabaasaeera.

Exit mobile version