Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Imala dursaan bilxiginnaa Abiy Ahimed magaalaa Naqamteetti taasisuuf uummatni dararamaa jiraachuun barame

ONM-ABO Caamsaa 7, 2024

Koloneel Abiy Ahimed bara darbe gara magaalaa Naqamteetti imaluun ergaa sababa nu lolaa jirtanii fi nu hin fudhanneef karoora misoomaa Lixa Oromiyaatti raawwachuuf turre dhiisne jechuun uummatatti ifatti miidhaa jiraachuu himee, akkasumas isa duraan hojjetame iyyuu balleessaa jirtu jedheen booda maqaa misooma isiniif guutaa jirraan deebisee uummaticha goyomsuuf imala karoorfatee jira.

Akka kanaanis Roobii dhufu Caamsaa 8, 2024 hoogganaan faashistii PP Abiy Ahimed imala isaa gara magaalaa Naqamteetti taasisuun ‘Warshaa Daabboo’ haadha manaa isaa aadde Zinnaash Taayyaachoo waliin akka eebbisiisan odeessi keessoo PP magaalaa Naqamtee keessaa ba’e ni addeessa.

Dhufaatii Abiy gara magaalaa Naqamteetti taasisuun wal qabatee godinoota Wallaggaa arfan irraa namootni dhibbi shan shan dirqamaan akka argamaniif qajeelfamni kan darbe yoo ta’u, godina Baha Wallaggaa keessumaa magaalaa Naqamtee irraa uummata hedduu istaadiyeemii seensisuun akka simannaa taasisaniif dirqamni itti kennamee jira.

Guyyaa kaleessaa gandoota bulchiinsa magaalaa Naqamtee fi naannoowwaa ishee jiran cufaaf of eeggannoo cimaa nageenya irratti akka taasisan qajeelfamni cimaan kennameeraaf.

Sababa kanaanis magaalaa Naqamtee keessatti eegumsi cimaan, sakattaa fi reebichaan wal makate jiraattota magaalattii irratti raawwachaa jiraachuu fi gochi kun uummatatti bitaa galuu dubbatu.

Nama tokko simachuuf nuti reebamuu hin qabnu kan jedhan jiraattotni magaalichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko, misooma isaan jedhan irraa nageenya buusuun ni dursa tures jedhu.

Kaabinootni godina Baha Wallaggaa fi magaalichaa qophii kana itti aanaa pirezidaantii bilxiginnaa Oromiyaa Obbo Awwal Abdii irraa qajeelfama fudhachuun hojjechaa jiru.

Raawwii isaaniis kallattiin pirezidaantii Oromiyaa fi koloneel Abiy Ahimediif guyya guyyaan kennaa jiraachuu kan himu namni odeessa nuuf qoode tokko, Abiy Ahimed uummatni Wallaggaa baay’inaan ba’ee na simachuu, na badhaasuu, na jajuu, hojii kiyya ajaayibsiifachuu, mootii na godhachuu, waraana bilisummaa Oromoo qeequu, nagaaf bilxiginnaan balbala akka bane, paartiin isaanii garaa akka bal’atu kaasuun WBO’n araara akka danqe, waan bilxiginnaan jedhe fudhatee akka harka kennu fi kkf ilaalchisuun yaada akka kennan taasisaa jechuun dirqama fudhatanii jiraachuu hime.

Hanga Abiy Ahimed dhaqee deebi’uttis daandiin kallattii kamiiniyyuu istaadiyeemii Naqamtee geessu jiraattotaaf dhorkaa ta’ee jiraachuu fi waraanaan naanna’ee eegamaa akka jiru barameera.

Abiy Ahimed bara jalqaba aangootti dhufe yoon Wallaggaa deeme na ajjeesu jechuun Oromoo gandaan qoodee walitti buusuuf dubbatee turuun ni yaadatama.

Exit mobile version