Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaa aanota hedduu keessaa dargaggoonni gara raayyaa ittisa biyyaa fi maanguddoonni ammoo milishummaaf dirqamaan funaanamaa jiru

ONM-ABO Caamsaa 8, 2024

Akkuma murni bilxiginnaa dargaggoota Oromoo kanaan dura dirqamaan funaanee adda waraanaatti ergee lubbuu isaanii obaasuun foon isaanii allaattii fi bineensa bosonaa nyaachisaa ture ammas bifa haaraan marsaa biraaf dargaggoota Oromoo fi maanguddoota funaanaa jiraachuu jiraattotni ONM’tti himan.

Haaluma kanaan Ebla 5, 2024 Godina Booranaa aanaa Dubluq gandoota akka Qarsaa Dambii, Gooroo Daadaa fi Qarsaa Dambiitii dabalatee dargaggoonni fi maanguddoonni ganda tokko keessaa namootni 21 akka funaanamaa jiranis jiraattotni ibsan.

Bulchaa aanichaa kan ta’e namni Galma Diidaa jedhamu bulchaa gandootaatti dirqama kennuun namoota hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’uun jireenya isaanii geggeeffatan dararsiisaa akka jirus ibsan.

Akkasumas aanicha keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin walitti dhufeenya qabduutiin uummanni mana hidhaa keessatti dararamuu fi reebicha hamaan irratti raawwachaa akka jirus dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version