ONM-ABO Caamsaa 11, 2024
Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa irraa miseensoonni waarana PP 8 kaleessa Caamsaa 10,2024 WBOtti harka laatanii jiru.
Waraanni harka kennatan kun qawwee AKM 7 fi isnaayippera 1 fidanii qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhanii jiru.
Akka miseensoonni raayyaa ittisa impaayeerattii kun jedhanitti gochaawwan murni faashistii PP uummata keenya irratti raawwatuu fi garaagaruummaa sabaa mooraa sana keessa jiru mindaa nu jibbisisee akka qabsoo haqaatti dabalamnu nu taasiise jechuun WBOtti harka kennachuu isaanii gammachuun ibsataniiru.
Mooraa diinaa oonsuun itti fufa❗️

