Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Zoonii Kibba Bahaa Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa Keessatti Diina Du’aa fi Madoon Adabe

ONM-ABO Caamsaa 13, 2024

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa tarkaanfii diina irratti fudhataa jiru itti fufuu beeksiseera.

Akka kanaanis jajjabeen onnee sibiila godina Arsii Bahaa Aanaa Muuneessaa magaalaa Qarsaa keessatti halkan edaa diina goolaa bule.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kibba-Bahaa keessa socho’u magaalaa Qarsaa seenuun diina du’aa fi madoon adabuun mooraa diinaas baaragseera.

Ergamtoota murna PP mooraa isheen keessatti galtutti itti seenuun battalatti 6 ajjeesee 18 madeessuun rasaasa PKM 200 fi uffata roobaa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Exit mobile version