ONM-ABO Hagayya 14, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn Itti Fufiinsa Bobbaa Irbuu Shinniiggaa Milkeessuf bobba’een godina Arsii Bahaa aanota gargaraa keessatti mooraa isheetti itti marsuun irribaa malee bulchee jira.
Haaluma kanaan guyyaa kaleesaa Hagayya 13, 2024 irree fi gachaanni sabaa WBOn Cibraa Hambaa Aanoolee aanaa Asakoo magaalaa Caffaa fi ganda Biyyoo keessatti waaree booda sa’atii 10:45 irraa kaasee hanga halkan sa’atii 3:00tti waraana Bilxiginnaa mooraa ishee keessatti rasaasaan waadee baarudaan macheessuun loltoota 13 irraa ajjeesee 11 madeesseera.
Qophii waraanaa hedduus irraa hiikuun mooraa ishee lamanuu ibiddaan dhabamsiisee jira.
Haluma wal fakkaatuun guyyuma kaleessaa cichitoonni kaayyoo haqaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa fi Cibraan Madda Walaabuu waliin ta’uun aanaa Roobee Dida’aa magaalaa Saddiqaatti mooraatti itti seenuun loltoota teessoo Abiy jalatti ittisuuf uummata hiraarsaa turte tarkaanfii irratti fudhateen loltoota 23 ajjeesuun 12 madeessanii jiru
Tarkaanfii lamaan kanan meeshaa AKM 6 fi meeshaa boodatti hafaa hedduu irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhanii jiru.
Loltoonni lolaa sana irraa hafan shororkaa hamaa keessa seenuun mooraa keessaa baqatanii uffata jijjiirrachuun bifaa uummataatiin deemaa turuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

