ONM-ABO Caamsaa 15, 2024
Sirni cubbamaan guutuu Oromiyaatti uummata gidiraa agarsiisuun beekamu PPn godina Baha Harargee aanaa Baddannnoo guutuu keessatti gaafa Caamsaa 14, 2024 uummata hiyyeessa qaala’insaa jireenyaaf akka itti jiraatuu rakkachaa jiru maqaa leenjii raayyaa ittisa impaayerattii deemuu qabduutiin hawaasa Oromoo gidirsaa jiraachuun beekameera.
Kanneen ilmi kiyya duula lola isa hin ilaallanne hin geggeessu jechuun didan isa kaan hidhuun kanneen biroo ammoo adabbii maallaqaa irratti raawwachaa jirachuu maddeen onichaa ONMtti himan.
Haaluma kanaan namoota adabbiin maallaqa sababa ilma kiyya lolatti hin oofu jechuun didanii adabbii maallaqa kana ilmaan isaanii irraa dirqamaan kaffalan keessaa maqaa ijoollee maallaqni kuni irraa kaffalamuun hafan: Ibsaa Jamaal 10,000, Mahammad Muussaa Ammee 7,000, Caalaa Umar 10,000, Jamaal Abdii 12,000, Usaamaa Usmaail Alii 10,000, Shukrii Roobaa 8,000, Imraan Mahammad Yuusuuf, Taajuddiin Suufiyaan 9,000, Caaltuu Dachaas 9,000, Ibraahim Ahimed Muusaa 7,000, Gaaddisaa Bakar Alii 9,000, Baaruddiin Suufiyaan 10,000, Yuusuuf Shaafii 15,000, Caalaa Aliyyee 15,000 namoota maqaan nun geenye hedduu irratti saamichi kun raawwatamuu ibsan.
Gochi kuni guutummaa ona Harargee lameen keessatti maqaa duula kanaatiin uummanni balaa hongeetin wal qabateen keessa jiruun cinaatti jireenya yaaddoo keessatti kufanii akka jiran ibsaniiru.

