ONM-ABO Caamsaa 20, 2024
Uummanni sabaan Amaara ta’an bara 1977 naannoo Amaaraa irraa dhufanii aanaa Daaboo Haannaa bakkeewwan akka: Qarkaa, Safaraa, Kusaa’ee, Tuuree fi Cooraa Kanaaboo jedhaman keessa mootummaa Dargiin kan qubsiifaman yommuu ta’u, isaanis yeroo adda addaatti hawaasa Oromoo miidhaa turuu jiraattonni himatu.
Kana dura aanuma kanaa, uummata Oromoo irraa nyaatanii dhuganii quufuun akka ta’an dhabanii ganda Cooraa Kanaaboo jedhamutti okkora kaasuun miidhaa gurguddaa geessisuun isaanii kan yaadatamu yoo ta’u, bulchaan aanichaa uummata bishaan Mormoriin ce’ee dhufe kana gargaaruun qorqorroo fi mismaara bitanii erga dhiyeessaniifii booda uummata ganda Cooraa Kanaaboo jiraataniin muka akka fidanii mana finxaaleyyii ijaaraniif waraana maafiyaa isaa itti bobbaasee hawaasa dararaa jiraachuun ibsameera
Finxaaleyyiin kun aanaa kanatti meeshaalee waraanaa gosa adda addaa kilaashii hanga diishqaatti kuusuun Faannoo deggeraa kan turan ta’uu kan himan jiraattonni, Kamisa darbe Caamsaa 16, 2024 osoo meeshaa sirreeffatanii harkaa ba’uun uummanni shororkaa keessa akka jirus himameera.
Finxaaleyyii kana keessaa namni sadii kanneen maqaan isaanii: Saamman Tasfaayee, Biraanuu Kaffiyyee fi Dirribaa Kaffiyyee jedhaman leenjii waraana Faannoo fudhachuun hawaasa yeroo adda addaatti doorsisaa turuu fi meeshaa waraanaa bituun Faannoof daddabarsaa kan jiran ta’uu jiraattonni ONM’tti himan.

