Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaatti dhibbentaa waraanni faashistii PP dargaggoota ukkaamsuun leenjiitti ergaa jiru akkaan dabaluun himame

ONM-ABO Caamsaa 21, 2024

Bilxiginnaan godina Jimmaatti waraana isaa bobbaasuun galgala galgala ibsaa balleessanii dargaggoota iddoo da’ootti ukkaamsanii qabuun gara leenjii waraanaatti ergaa  akka jiran maddeen qabatamoo keessoo PP ONM’tti himan.

Godinichatti dargaggoota humnaan qabanii gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa kan turan, har’as magaalaa Jimmaa fi aanolee godinichaa hunda keessatti fedhii isaanii malee dargaggoota humnaan qabanii gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuus dabaluun dubbatu.

Hanga gabaasni kun qindaa’etti ibsaan guyyaa 3’f magaalicha keessaa walitti fufiinsaan galgala sa’aatii 12:30-3:00 kan badu ta’uu kan himan jiraattonni magaalichaa, Caamsaa 15, 2024 waraanni PP Kolleejjii Daandii Boruu Jimmaa deemuun barattoota Kolleejjii sanaan “barnoota dhiisaatii raayyaa ittisa impaayerrittii deemaa biyya keessan eegaa!” jechuun walga’ii baasanii doorsisuu fi itti dhaadachaa turuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Baajata biliyoona 10 qabnu misooma dhiisnee lola irra oolchuu dandeenya, humna waraanaa jabaa ijaarree jirra kan jedhu mataan nafxenyootaa Abiy Ahimed dargaggoota barcuma siyaasa isaa tiksuuf ofii lubbuu dhabuu qabu jedhu maatii jalaa humnaa fi goyomsaan guuree ammas impaayerattii keessatti lola biraaf of qopheessaa akka jiru tilmaamuun nama hin dhibu jedhu xinxaltootni.

Exit mobile version