ONM-ABO Caamsaa 28, 2024
Aanaalee godinichaatti hidhaa fi dararaa suukanneessaan jiraattota irra ga’aa kan jiru yommuu ta’u, magaalaa Amboo fi naannoo isheetti hawaasni hidhaa fi saamicha humnaa oliin hiraarfamaa jiraachuun ibsameera.
Godina Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaan ganda Sadan Iluutti waraanni faashistii PP mucaa waggaa 14 rasaasaan dha’an. “Deggeraa WBO’ti” jechuunis gaafa Caamsaa 21,2024 nama Obbo Dhugaasaa Shantamaa jedhamu jalaa mana gubuun, ilma isaa mucaa waggaa 14 kan rasaasaan rukutan. Yeroo ammaa kanas mucaan kun yaalamaa jiraachuu fi Obbo Dhugaasaan Oromummaa isaaniin alatti badii tokko kan hin qabne ta’uu jiraattota irraa odeeffanneerra.
Godinuma kana aanaa Ambootti waraanni maafiyaa PP shamarree qaama miidhamtuu gudeeduun waraana sirna dhablee fi shororkeessaa ta’uu isaa agarsiiseera. Waraanni safuu fi safeeffannaa hin beekne kun gochoota gara jabinaa hawaasa irratti raawwachuun kan gammadu, aanaa Amboo ganda Dikii irraa shamarree qaama miidhamtuu gurraan hin dhageenyee fi arrabni ishee hidhamaa ta’e kan maqaan ishee Birkii Dalasaa jedhamtu gudeedan.
Gochaan gara jabinaa kun kan irratti raawwate ji’oota kan lakkaa’e yommuu ta’u, sababa gurraan hin dhageenyee fi arrabni ishee hidhamaa ta’eef akka itti ibsattu dhabdee turte. Gochi kunis mucaan garaatti ishee hafuun irraan kan ka’e qorannoo hawaasni naannoo taatewwan naannoo shamarree kanaatti ta’e qorachuun akka barame namoonni itti dhiyeenyaan beekan dubbatu. Yeroo ammaa kanas kan garaatti baattu ta’uun ibsamee jira.
Kana malees, waraanni saamicha hojii idilee godhate kun, aanaadhuma Amboo ganda Ganjii Gooree irraa gaafa Caamsaa 20, 2024 nama Obbo Margaa Badhaadhaa jedhamu jalaa sangaa 1, ameessaa fi jabbii, harree 2 fi fardeen 5 “WBO’tu as kaa’e” jechuun jalaa fudhachuu fi ganda Doobbii jedhamurraa immoo nama maqaan isaa Obbo Kumaa Waamii jedhamu jalaa gaafa Caamsaa 22, 2024 sangoota 2 jalaa fudhatanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

