Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti waraanni PP dargaggeessa tokko ajjeesan

ONM-ABO Caamsaa 21, 2024

Murni gurmaayee hawaasa jeequun madda goolumsaa ta’e bilxiginnaan uummata nagaa dhorkachuun hiraarsuu dabalatee lubbuu namootaas galaafachuu akkuma itti fufanitti jiru.

waraanni impaayera Itoophiyaa goleewwan Oromiyaa  cufa keessatti hidhaa, saamichaa fi  ajjeechaa raawwachaa jiran  itti fufuun Caamsa18, 2024 halkan keessaa toora sa’a 4:00 booda Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Daallee jedhamu keessatti dargaggeessa maqaan isaa Malkaamuu Zawudee jedhamu mana maatii isaatii ba’ee ollaa osoo deemaa jiruu, waraanni dhala namaaf naatoo tokkollee hin qabne, rasaasa itti roobsanii ajjeesanii jiru.

Gocha hammeenyaa farreen dhala namaa kanaan raawwatametti maatii fi jiraattonni naannichaa gadda guddaa itti dhaga’ame ibsachuun, murni badii bilxiginnaa kun gochoota gara jabeenyaa akkasii nu irratti raawwachuun isaanii qabsoo bilisummaa Oromoof  godhamu irraa yoomiyyuu duuba nu  deebisuu hin danda’u jechuun jiraattoonni ona Qilxuu Kaarraa ONM’tti himan.

Exit mobile version