ONM-ABO Caamsaa 31, 2024
Buufata xiyyaaraa Amisterdaam Iskipol jedhamutti namni mootora xiyyaaraa imaltoota deddeebisu KLM keessa otoo socho’aa jiruu seenee du’e.
Namtichi kun mootora xiyyaaraa seenee kan du’e Roobii dheengaddaa osoo xiyyaarri KL1341 Amisterdaamirraa gara Billund, Deenmaarkitti balali’uuf qopha’aa jiruuti.
Daandiin qilleensaa KLM imaltootaa fi hojjettoota isaaf of eeggannoo barbaachisu akka godhu ibsuun, taatee kana nan qoradha jedhe.
Waraanni fi poolisiin Nezerlaands akkaataa namni kun itti du’e qorachuu eegaleera.
Waraanni biyyattii akka toora X gubbaatti ibsetti, imaltoonni fi hojjattoonni xiyyaarichaa hundi xiyyaaricharraa buufamaniiru.
Namni mootora xiyyaaraa seenee du’e eenyummaan isaa ammaaf hin beekamne, ammatti namni sun of ajjeesuuf itti yaadee kana raawwachuu fi dhiisuun isaa hin beekamne jechuun dubbi himaan waraana biyyattii ‘Royal Netherlands Marechussee’ jedhamu hime.
Miidiyaaleen biyyattii ammoo namni balaa kanaan du’e hojjataa daandii xiyyaarichaa ta’uu hin oolu jedhu.
Miidiyaan biyyaalessaa Daachi NOS hojjettoonni gargaarsaa iddoo dhaabatetti wayita marsanii dhaabatan agarsiisa.
Akka gabaasa kanaatti xiyyaarri balaa qaqqabsise kun Awuurooppaa keessaa bakkeewwan dhiyeenya qabanitti balali’uun tajaajila kennaa ture.
Buufanni xiyyaaraa Iskipol; ”waa’een maatii namticha du’ee fi imaltoota taate sana arganiif nu yaachisa” jedhe.
Buufanni xiyyaaraa Iskipol iddoo sochii tiraafika xiyyaaraa itti baayyatuudha. Imaltoonni miliyoona 5.5 ji’a darbe buufata xiyyaarichaatti gargaaramuu marsariitiin buufata xiyyaarichaa beeksiseera jechuun The New York Times gabaaseera.

