Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar magaalaa Adaamaa keessatti  konkolaachiftoota bajaajii gibira humnaa olii gaafachuu fi manneen diigamaa jiraachuu jiraattotni himan

ONM-ABO Waxabajjii 1, 2024

Sirni waan qabee gadhiisu wallaale bilxiginnaan shubbisa maraatummaa shubbisaa oolu ofan baraara jedhee waan meeqa yaalaa oolus, yaaduma ofii bocee gadi baasaa ooluun Impaayeerattii gara qileetti saffisa guddaan kan oofaa jiru, waan of baraaru itti fakkaatee gaaga’ama siyaasaa fi diinagdee hamaa keessatti kufee jiru irraa dandamachuuf yeroo adda addaatti bifa jijjiiree saamicha gaggeessaa jira.

Akkasumas otuu uummanni miliyoonaan lakkaa’amu waan nyaatu dhabee rakkataa jiruu waan hojii galma qabu hin taanee fi maqaalee adda addaan Oromoo irratti xiyyeeffatee misooma magaalaa fakkeessuun sobee kisaaraa siyaasaa jalaa ooluuf seera malee manneen namootaa beenyaa tokko malee qabiyyee isaanii irraa buqqisee mana irratti diiguun gadadoo hiyyummaa fi tooftaa ittiin uummata Oromoo magaalaa irraa godaansiisan fakkaata.

Magaalaa Adaamaa keessatti bara 2014 gibirri bajaajii qarshii 3500 kan ture Bara 2015 immoo dabaluun qarshii 7500 fi yeroo ammaa ammoo qarshii 10,000 gafatamaa akka jiran himuun kaffaltii gibiraa kaffaluu dadhabuu irraan kan ka’e iddoo biraa geessuun bajaajii gurguraa jirachuu abootiin bajaajii ONM’tti himaniiru 

Dabalataanis magaaluma Adaamaa keessatti namoonni hedduun Oromummaa qofaaf manneen jireenyaa sirna bilxiginnaa nama ajeesuun gadaa aangoo isaa dheereffatuun irraa diigamuu gabasaa turuun keenya kan yaadatamuu fi ammas bilxiginnaan gochaa qaanessaa kana naannoo buufata konkoolaataa moofaa ganda kudhan keessattis irraa diigaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version