Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Begiitti waraanni sirnichaa mooraa keessaa baduu fi shakkiin wal ajjeesuu hammeessanii jiraachuun beekame

ONM-ABO Adoolessa 31, 2024

Sirni imphaayerattii bulchaa jiru yeroo adda addaa waan hin jirre akka waan jiruutti lakkaawwachuun addunyaa gowwomsaa kan oolu bilxiginnaan waraana dirqii fi maallaqaan gowwomsee haafaa fi baala walitti guuruun waraana ga’aan qaba homtuu nu hin raasu jechuun dhaadachaa kan oolu, faallaa isaa ammoo kan naamusa hin qabnee fi fedhii malee lolatti hiriirsanii waan jiraniif waraanichi sirnicha keessaa miliquun badanii gara WBO’tti makamaa jiraachuun beekamaadha.

Akkaatuma kanaan Adoolessa 28, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Laaloo Nooraa mooraa waraana sirnichaa keessaa loltuun PP tokko  sirnicha ganuun gara Waraana Bilisummaa Oromootti makamee jira.

Loltuun kunis hidhannoo waliin qawwee AkM 1, boombii harkaa 3 fi rasaasa AKM 220 mooraa sirnichaa keessaa baasuun, mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.

Yeroo ammaa waraanni sirnichaa bakka hundaatti keessaa miliquun hammaatee waan rakkiseef shakkiin hidhaa irra darbanii wal ajjeesaa jiraachuun barameera. 

Aanaa Begii mooraa waraana sirnichaa magaalaa Begii keessatti loltuu tokko waardiyyaa baasuun akka waan inni keessaa badaa jiruutti itti dhukaasanii kan ajjeesan yoo ta’u, kunis warreen hafan akka keessaa hin miliqneef tooftaa fayyadaman ta’uus maddeen itti dhiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Exit mobile version