Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Bulchiinsa Magaalaa Hoolota keessatti, hoteela irrra deemuun hojjettota keessan nuuf kennaa leenjii waraanaaf barbaannee, ta’uu yoo baate isinirratti cufna jechuun kanneen diddan irratti hoteela cufsiisaa jiraachuun barame

ONM-ABO Caamsaa 29, 2024

Murni afaan qawween ilmaan Oromoo dirree waraanaatti oofuun waan isaan hin ilaallanneef aarsaa hin malle kaffachiisuun, gadaa aangoo isaa dheereffachuu barbaadu bilxiginnaan, lubbuu ol adeemtota hedduutti taphachaa fi hojii ofii isaanii illee akka hin hojjenneef danqaa jiraachuun ni beekama.

Akka kanaan kaleessa ganama Caamsaa 28, 2023 irraa qabuun Lixa Shaggar magaalaa Hoolotaa keessatti kaadiroonni fi waraanni sirna PP wal ta’uun, hootelota heyyama daldalaa qaban sababa tokko malee nuti qeerroo fi qarree hojii humnaa hooteela keessan keessaa hojjetan barbaanna, qabaa dirqiin nuuf dhiyeessaa leenjii waraanaaf erginaa ta’uu baannaan isin irratti cufna jechuun abbootii hoteelotaa sodaachisuun namoota achi keessaa jireenya isaanii fooyyeffachuu fi ittiin buluuf hojjetan dirqiin funaanaa turan. Kanneen adeemsi keessan sirrii miti, hojii keenya dhaabnee isiniif hin laannu, dirree waraanaatti hin erginus jedhan irratti ammoo tarkaanfii hoteela cufsiisuu fudhachaa jiru.

Kun kanaan osoo jiruu, waraanni faashistii PP konkolaataa Lixa Oromiyaa kanneen Lixa Shaggar aanaalee adda addaa irraa magaalaa Finfinnee seenuuf deeman eegumsa Buraayyuu irratti sakatta’iinsa geggeessina jechuun namoota nagaa qabanii dararaa fi qabeenya uummataa akkasumas maallaqa irraa saamaa jiraachuun magaalaa Finfinnee deemanii dhimma ofii raawwatachuuf haala hammeessanii jiru jechuun namni rakkoon irra ga’ee fi maqaa fuula kee shakkineen qabamee beellamni mana yaalaa jalaa darbe tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Exit mobile version