Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuutti abbaan qabeenyaa hoteela Waliinii hojjettoota isaa namoota 8 waliin hidhamuun dhagaa’ame

ONM-ABO Adoolessa 14, 2024

Aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Mandiitti lukkeeleen bilxiginnaa muddama siyaasaa isaan quunnameen raafama hamaa keessa seenanii kan jiran yoo ta’u, akka saree maraatteetti namoota hundumaa ciniinuuf badii tokko malee namoota nagaa hedduu hidhaa jiru.

Abbaan qabeenyaa hoteela Waliinii Obbo Margaa Taaddasaa nama nagaa magaalaa Mandii keessa hojii daldalaan jiraatu ta’uu  kan himan jiraattotni, waraanni fi aangaa’onni bilxiginnaa yeroo hedduu qabeenyaa isaa irratti doorsisuun hoteela isaa keessa akka buufatanis ONM’f ibsaniiru.

Kaadiroonni hoteelicha keessa buufatan Adooleessa 11, 2024 bakka ciisicha isaaniitti meeshaa qawwee AKM 1 gatuun bakkeerra akka turan jiraattonni himuun, dargaggeessi hojjetaa hoteelichaa tokkos bakka ciisichaa qulqulleessuu deemee meeshaa manicha keessatti arguun butatee WBO’tti makamuu ibsan.

Maatiin hoteela sanaas Obbo Margaa dabalatee, manaajarri hoteelaa fi hojjettoonni hoteelichaa sababa meeshaa badeef yeroo ammaa Adooleessa 12, 2024 erga qabamanii kaasee dararaa ulfaataan badii isaan hin dalagneen irratti raawwatamaa jiraachuun beekameera.

Lukkeeleen bilxiginnaa humnaan jiraachuu baran balleessaa mataa isaaniif itti gaafatamuu osoo qabanii humnaa fi aangoo isaanitti hirkachuun namooota yakkamtoota hin taane, haala akkanaan dararuun seermalee ta’uu isaa jiraattonni magaalaa Mandii irraa ONM dubbise yaada isaanii ibsaniiru.

Exit mobile version