ONM-ABO Waxabajjii 2, 2024
Murni badee balleessaan bilxiginnaa ofiisaa badiisa irraa hin deebine irra ga’ee kan jiru ilmaan Oromoos balleessee baduu bardaada. Gama tokkoon ilmaan Oromoo qabee dirree waraanaatti ergee ficcisiisuu, saamuu, hidhuu fi ajjeesuu akkasumas, qe’ee fi qabeenya saba Oromoo ibiddaan gubee barbadeessuun jiruuf jireenya namoota hedduu hiyyummaa keessatti kuffisee jiraatti namoota hedduu ajjeesaa jira.
Godina Lixa Shaggaritti dararaan adda addaa akkuma duraaniitti uummata irratti raawwatamaa jira.
Yakkoota gara jabinaa hawaasa nagaa irratti raawwachuu fi saamichi amala mootummaa gabroomfataa yommuu ta’u, umrii turtii isaa dheereffachuuf jecha qaqqaalii sabaa kanneen ta’an meeqa karaatti kutaa jira. Waraana isaa hawaasa nagaatti bobbaasee Caamsaa 31, 2024 ona Amboo ganda Golfoo jedhamu irraa mana namoota 6 gubuun himameera.
Namoota maqaan isaanii:
1. Warquu Abboomsaa
2. Baqqalaa Barsiisaa
3. Gaasuree Dammaa
4. Fayyeeraa Dhugoo
5. Addunyaa Dhugoo fi
6. Gammadaa Sarbeessaa jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf meeshaalee manaa guutuu waliin manni jalaa gubatee jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.
Kana malees, onuma kana keessaa waraanni faashistii Abiy Ahimed “qarshiin mootummaa isinirra jira” jechuun namoota hedduu hidhanii rakkisaa kan jiran yommuu ta’u, namoota maqaan isaanii:
1. Kabbadaa Tolasaa
2. Hayiluu Fayyeeraa
3. Dhaabaa Gaheessaa
4. Birriisaa Margaa fi
5. Warquu Dhimmaa kanneen jedhaman Caamsaa 31, 2024 waajjira Poolisii onichaatti hidhamanii jiraachuu maddeen keenya ONM’f eeraniiru.

