Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Gombolchaa keessatti manneen jiraattotaa waraana faashistii PP’n gubachuu jiraattonni ONM’tti himan.

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2024

Impaayeerri Itoophiyaa diina uummata Oromoo ta’uu ifaa fi ifatti mul’isuun qonnaan bultoota hojiilee isaanii qofaa irratti bobba’anii maatii isaanii guddisanii fi jireenya isaanii foyyeeffachuuf carraaqan guyyuu manneen irratti gubuu fi qabeenya isaanii saamuun qe’ee namoota hedduu mancaasaa jiru.

Godina Baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa ganda Hiraphee jedhamu keessatti Dilbata darbe Waxabajji 2, 2024 waraanni murna bilxiginnaa manneen qonnaan bultootaa hedduu gubuuf qabeenya isaa loon hedduu saamuun akka deeman beekameera.

Maqaan namoota manneen jalaa gubatee: Dannaboo Bakuyaa, Hayiluu Xonbee, Xonbee Badhaanee fi kanneen maqaan isaanii nu hin geenye hedduun kan keessa jiran maqaa ‘WBO’ nyaachistu jedhuun meeshaalee mana guutuu fi midhaan waliin waraanni sirnichaa gubee barbadeessuun himameera.

Dabalataan guyyuma kaleessaa namoonni hedduun loon jalaa offatamuu, reebichaijabaan irratti raawwatamuu fi kanneen qabaman illee akka jiran ONM odeeffateera.

Exit mobile version