ONM-ABO Onkoloolessa 29, 2024
Murni impaayeera Itiyoophiyaa waraana uummata nagaatti bobbaasuun kutaalee Oromiyaa hunda keessatti hawaasa kallattii hundaan dadhabsiisuu irratti hojjechaa kan jiru badii tokko malee hidhuu, ajjeesuu, qabeenya saamuu fi ibiddaan barbadeessuu akkasumas yeroo oomisha galfatan galfachuu dhowwuu hojii idilee isaa godhatee hojjechaa jiraachuu jiraattoonni guutuu Oromiyaa keessaa guyyaa irraa gara guyyaatti ragaa bahaa jiru.
Onkoloolessa 26, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa ganda Abbayyii Dannabaa keessatti manneen uummataa jumlaan gubanii barbadeessuun dhagaa’ameera.
Namoota manneen jalaa guban keessaa kan maqaan nu qaqqabe:
- Abdurroo Budduu,
- Booressaa Budduu fi
- Dhugumaa Abbuu kanneen jedhaman ta’uun barameera.
Haaluma wal-fakkaatuun aanaadhuma kana ganda Jelaa Aalutoo jedhamu keessatti guyyaa koraa jechuun Onkoloolessa 27, 2024 waraanni Bilxiginnaa hawaasa mana isaanii irra deemuun waltajjii baasanii reebuu fi qabeenya saamaa turan. Guyyuma sana gandicha keessaa mana Oubbo Eda’oo Daaddii meeshaa guutuu wajjin ibiddaan barbadeessanii jiru.
Akka maddeen ibsanitti mana namoota ibiddaan barbadeessan kana hundaa meeshaa guutuu wajjiin gubuun maatiin beelaan saaxilamee faca’uun rakkachaa jiraachuun barameera.

