ONM-ABO Waxabajjii 5, 2024
Garee badiin gara jabummaa abboota isaanii Minilik irraa dhaalan, akkuma Aanoolee fi Calanqootti harmaa fi harka muran, bara bilxiginnaa keessas seenaa isaanii darbe haaromfachuun Wallaggaa fi Walloo akkasumas Kaaba Shaggar fi Arsii keessatti gochoota suukkanneessaa fi argaaf namatti hin tolle uummata Oromoo irratti waggoota arfan darbanii kaasee hanga har’aatti raawwachaa jiru.
Guyyaa kaleessaa jechuun Waxabajjii 4, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu ganda Ashuu Kusaayee keessatti humnoonni badii gara jabummaan guutaman kunneen haadha ilmaanii kan taate kan maqaan ishee Mabiraatee Taakkalaa Dhibbaa jedhamtu mana isheetti humnoonni kunneen itti ol seenuun isheef daa’ima ishee sadii waliin cuubeen qaqqalanii ajjeesuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Aanicha keessatti humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxigginnaan tumsamanii meeshaa hidhachifamanii jiran hanga har’aatti dhiiga uummata qulqulluu dhangalaasuun madaa yoomuu Ilmaan Oromoo keessaa hin baane raawwachaa jiru.
Sababa ajjeefamuu dubartii kanaa fi Ilmaan ishee kana irratti jiraataan gandichaa tokko akka ONM’tti himetti humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa kunneen meeshaa hidhatanii baayinaan bakkicha akka jiran dubbachuun dubartii kanas bosona dawoo godhachuun mana isheetti itti ol seenanii akka ajjeesanis dubbatan.
Iyya xinnoo dubartiin kun dhageessifte dhaga’uun yeroo hawaasni bakkichaa birmaatuufitti meeshaa gara hawaasaatti qabuun hawaasni bakkichaa sodaatee yeroof manatti akka deebi’ee fi boodarra yeroo isaan deemanii hawaasni dhaqee ilaalu ilmaan ishee sadii waliin qalamtee akka jirtu argine jedhu.
Gocha fokkisaa kanatti uummanni gandichaa hedduu gadduu fi kan nu ajjeesaa jiru isaan osoo hin taane murna bilxigginnaa maqaa uummata Amaaraa eeguu jedhuun meeshaa itti hidheedha jechuun miira gaddaan dabaluun ibsaniiru.

