Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuuruu keessatti barsiisaan tokkoo fi dargaggoonni lama hidhattoota Faannoon ajjeefaman

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024

Sirna bilxiginnaa jalatti uummanni Oromoo qe’ee dhuma isaa irratti gaddaa fi saphina hanga kana hin jedhamne keessummeessaa kan jiru yoo ta’u hidhattoota sirnichi tumseen lubbuun namootaa guyyaa guyyaan akka baalaa harca’aa oola.

Guyyaa kaleessaa Waxabajjii 6, 2024 humnoota badii finxaaleeyyii Amaaraan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kiiramuu fi Agamsaa gidduu iddoo addaa Laga Gonkaa jedhamutti dargaggootni sadii akka ajjeefaman jiraattotni himan.

Dargaggoonni ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii Barsiisaa Ayyaanaa dhalootaan aanaa Kiiramuu ganda Gurra Haadha Filee kan ta’e, Konkolaachisaa Jaduu kan jedhamu dhalootaan magaalaa Agamsaa kan ta’ee  fi Gizaachoo Fayyisaa dhalootaan aanaa Amuuruu kan ta’e haala suukkanneessaan humnoota finxaaleeyyii Amaaraan ajjeefaman.

Akkasumas guyyoota sadan darban keessa humnoonni kunneen aanuma Amuuruu ganda Ashuu jedhamu keessatti dubartii tokko ijoollee ishee sadii waliin kanneen maqaan isaanii Mabiraatee Taakkalaa haadha ijoollee fi ijoollee ishee kanneen maqaan isaanii Abdii Mangoo, Jiituu Mangoo fi Bachoo Mangoo jedhaman bakka tokkotti mana keessatti qalamanii turuun kan beekamuudha.

Exit mobile version