ONM-ABO Caamsaa 1, 2023
Humnoonni badii murna bilxiginnaan tumsamuun meeshaa hidhachifamanii uummatatti bobbaafaman guyyaa guyyaan uummata Oromoo dachee isaa irratti akka lammii lammaffaatti itti roorrisuu jabeessanii jiru.
Lolli qindaa’aan waggoota sadii oliif uummata nagaa irratti baname kun lubbuu namoota hedduu kan galaafatee fi qabeenyi miliyoona hedduutti tilmaamamu saamamee gariinis gubachuun barbadaa’eera.
Gochi hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa uummata nagaa irratti raawwataa jiran kun kan hin dhaabbannee fi guyyaa guyyaan dabalaa kan jiru yoo ta’u godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuuruu magaalaa Agamsaa jalaa gaafa Eebila 23, 2023 irraa kaasuun gandoota akka Luqumaa fi Waallii keessatti namoota hedduu ajjeessuun cinaatti loowwan hawaasaa saamuun mana barumsaa fi mana amantaa gubanii jiru.
Hidhattootni kun ganda Luqumaa keessatti mana barumsaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1 hanga 4tti jiru guutummaan guutuutti gubanii kan barbadeessan yoo ta’u ganda Waallii keessattis mana barumsaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1 hanga saddeetii gubanii barbadeessaniiru.
Kana malees magaalaa Agaamsaa fi naannoo ishee keessattis loowwan qonnaan bultootaa 5000 ol akka saamaniis jiraattootni ni dubbatu.
Hidhattootni kun mana amantaa illee osoo hin hambisin gandichuma keessatti mana amantaa pirotestaantii Masarata Kiristoos jedhamu gubuun barbadeessanii jirus jedhu.
Uummanni aanaa sanaa harki caalu hojii qonnaa fi horsiisee bultoota yoo ta’an namni tokko loowwan 50 hanga 60 fi isaa ol illee kan qaban akka jiran kaasuun, jiraattootni kun horiin tokkollee osoo hin hafiniif hidhattoota kanaan saamamuun ganda baadiyyaa irraa magaalaa Agamsaatti galuu dubbatu.
Hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa kun qubsumni isaanii Wallagga bahaa aanaa Kiiramuu naannoo Haroo Baajii kan ta’an yoo ta’u, yeroo hedduu naannoo sanatti wal ijaaruun dhufanii ajjeechaa, saamichaa fi buqqaatii kana raawwatus jedhaniru.
Humnoonni kun ammas lola qindaa’aa uummata nagaa irratti banuuf meeshaa gurguddaan karaa Abbay irraan humna namaa waliin galfachaa jiraachuu kan himan jiraattotni, murni bilxiginnaa uummata Oromoo magaalaa Agamsaa keessa qubsiifamanii fi jiraataniin samara diimaa jechuun uummatni ofiis ta’e qabeenya isaa magaalaa akka gadi hin baasne, yoo kan baasan ta’e lubbuu fi qabeenya isaaniitti akka hin gaafatamne akeekkachiisuu dabaluun kan dubbatan jiraattota aanaa Amuuruu magaalaa Agamsaati.

