Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Sulula Fincaa’aa keessatti namootni nagaan 4 loltoota raayyaa ittisa impaayerattiin ajjeefaman

ONM-ABO Sadaasa 24, 2023

Tarkaanfiiwwan jajjabaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo goleelee Oromiyaa mara keessatti irratti fudhachaa jirutti kan baaraagan lukkeeleen diinaa, bifa ijaa baafannaatiin hawaasa harka duwwaatti fuula deeffachuun namoota qulqulluu jumlaan ajjeesaa jiru.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Fincaa’aa ganda Agamsaa keessatti Haleellaa waraanni Bilisummaa Oromoo Wiixata darbe Sadaasa 20, 2023 isaan irratti gaggeesseen mancaatii humna namaa fi qabeenya waraanaa isaan irra ga’etti kan mufatan loltootni PP, namoota nagaa siyaasa keessaa Qooda hin qabnee fi hojii ogummaa isaaniitti bobba’uun ofiif maatii isaanii jiraachisan 4 rasaasa itti roobsuun kan ajjeesan ta’uu maddeen himan.

Namootni Waraana sirnichaan ajjeefaman kunneen, Oppireetera Warshaa Sukkaara Fincaa’aa Margaa Baayyisaa jedhamu abbaa ilmaan 7, Hollee Haadha mana isaa fi namootni lama ammoo ammaaf maqaan kan nu hin geenye yoo ta’u, godinicha keessatti hidhattoota sirnichaatiin yeroo irraa gara yerootti lubbuun namoota nagaa ajjeefamaa jiraachuus dubbatu.

Exit mobile version