ONM-ABO Waxabajjii 26, 2025
Gareen leellistoota Itiyoophiyaa daba seenaa uummata Oromoo irratti hojjechaa jiran bara dhufaa fi darbaa bututtuu impaayerattii deebisanii suphuuf jecha barcuma aangoo irratti wal jijjiiruun gaaffii sabichaa ukkaamsanii afaan qawween deebisuun cinatti dinagdee uummatichaas quucarsaa jiru.
Bifuma kanaan saamtonni qabsoo bilisummaa Oromoo maqaa xureessuuf jecha qaamoleen murna Bilxiginnaan tumsamuun bobbaafaman godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Finca’aa naannoo Fincaa’aa gandoota akka Ganjii Qarree fi Diinoo Beerramaa jedhamu keessatti maqaa nuti WBO dha jedhuun uummata Oromoo naannichaa saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru
Akka maddeen naannichaa ONM’f eeranitti saamtonni kunneen gareen ijaaramuun namoota 10-20 ta’anii kan socho’an yommuu ta’an, guyyaa naannoo mana uummataa irraa fagaatanii bosona keessa ooluun halkan immoo gara qe’ee hawaasaatti deebi’anii namoota barbaadan qabuun gara Sulula Finca’aatti gadi buusanii nama tokko irraa gad aanaa qarshii 50,000 yommuu guuran, kanneen fooyya’aa ta’an immoo hanga qarshii 500,000’tti irraa saamaa jiraachuu maddeen dabaluun ONM’f ifoomsaniiru.
Kana malees gandicha keessatti guyyoota mara sochii halkanii taasisuun dukkana golgaa godhatanii manneen jiraattotaa irra deemaa buluun saamicha dabalatee qonnaan bultoota irratti reebicha hamaa fi dararaa ulfaataa raawwachuu akkasumas gochaawwan sirrii hin taanee fi aad-malee kanneen safuu fi duudhaa hawaasichaa cabsan garaa garaa raawwachaa jiru.

