ONM-ABO Hagayya 19, 2024
Uummata Oromoo dararuun rakkoo impaayerattii mudateef furmaata ni ta’a jedhanii warreen amanan gareen badii sirnichaa Oromiyaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo da’oo godhachuun aarsaa jabduu uummaticha kaffalchiisaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruutti waraanni garboomfataa PP jiraattota hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsamee jira.
Loltoonni impaayera Itiyoophiyaa kufte kaasuuf jecha ilmaan Oromoo irratti dararaa hamaa raawwachuu amaleeffatan aanaa Guduruu ganda Qanaatee Dhinsaa jedhamu irraa Hagayya 17, 2024 namoota maqaan isaanii Firdiisaa Gurmeessaa fi Fayyeeraa Lataa jedhaman sababa tokko malee ukkaamsanii hidhaatti darbachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Kana malees, roga isaaniif danda’ame maraan uummata Oromoo mirga namoomaa isaanii sarbuuf kan ifaajan kun guyyuma dheengaddaa nama maqaan isaa Caalaa Hiikaa jedhamu jalaa horii 8 ooffatanii deemuu fi aanicha keessatti rakkoowwan wal fakkaatoo hedduun irra deddeebiin raawwachaa jiraachuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

