ONM-ABO Sadaasa 28, 2024
Lukkeeleen bilxiginnaa ilmaan Oromoo hunda afaaniin kukkuulanii sobaa faallaa isaa immoo sababa hin beekamneen yakkuun diinummaa fi jibbiinsa qaban ifatti mul’isuun dararaa ulfaataa dhalli namaa mitii bineensiyyuu argee hin beekne irratti raawwachuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Fincaa’aa keessatti midhaan saamuu fi manneen midhaan itti daldalamu hawaasa jalaa saamsanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Sulula Fincaa’aa ganda naannoo magaalaa Fincaa’aatti argamutti torban darbe keessa namoota maqaan isaanii:
- Shaambal Giddiisaa,
- Darajjee Dhugaasaa,
- Halaqaa Haata’uu fi
- Yaadanii Baanee jedhaman jalaa manni daldalaa midhaanii loltoota sirnichaan jalaa saamsamuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.
Kana malees, ganduma kana keessaa Sadaasa 21, 2024 nama Obbo Caalaa Addunyaa jedhamu jalaa mana jireenyaa isaa cabsuun saalixa ardaba 38 saamuun kasaaraa hamaaf saaxilanii jiraachuu itti dabaluun ibsanii jiru.

