Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Sulula Fincaa’atti Waraanni PP dargaggoo tokko jalaa Bajaajii fudhachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Hagayya 31, 2024

Dinagdeedhaan saba Oromoo quucarsuuf halkanii fi guyyaa boqonnaa tokko malee kan carraaqu waraanni seera dhableessi PP golee Oromiyaa mara keessatti uummatatti sababoota fudhatama hin qabne garaa garaa itti maxxansuun saamuu itti fufee jira.

Haaluma kanaan, Hagayya 19, 2024 waraanni Bilxiginnaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Fincaa’aa ganda Nashee 2’ffaa  jedhamutti dargaggoo maqaan isaa Dirribaa Dhaabaa jedhamu jalaa maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaarta” jedhuun Baajaajii tokko jalaa fudhachuu isaanii jiraattonni gandichaa ONM’ dubbise ifoomsaniiru.

Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti, dargaggoon kun hojii humnaa hojjechuudhaan rakkatee baajajii sana akka bitate ragaa ba’uudhaan, waraanni faashistii PP badii tokko malee uummata meesha maleeyyii afaan qawweetiin saamuu waan barateef baajajii dargaggeessa dafqa isaa cobsee bitatee jalaa fudhatan jechuun miira gaddaan himan.

Exit mobile version