Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo keessatti, waraanni sirna PP nama tokko manaa gadi waamuun ajjeesanii gatan

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024

Ajjeechaan Jumlaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru itti fufuun, mataan nafxanyootaa Abiy Ahimed golee Oromiyaa mara keessatti  waraana isaa bobbaasuun, kan ajjeesanii gataa jiran malee, saamicha, reebicha fi hidhaa hammeessuun uummanni wayyoomina dhabee rakkachaa jiraachuun beekamaadha.

Godina Kaaba shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Faajjii Ejersaa iddoo addaa Luugoo jedhamutti, waraanni sirna PP Waxabajji 2, 2024 nama maqaan isaa Obbo Itichaa Dachaasaa Shallamaa jedhamu, mana isaatti marsanii qabuun fuudhanii deemuun ajjeesanii bakkeetti gatuu jiraattotni dubbatan.

Obbo Itichaan abbaa ijoollee lamaa yoo ta’u, waraanni kun qabanii deemuu malee eessa akka buusan maatiin wallaaluun rakkachaa kan turan yoo ta’u, Waxabajjii 3, 2024 du’aa isaa bakkeedhaa argatanii awwaallatanii jiru.

Yeroo ammaa Oromiyaa keessatti yakka dalaganiif osoo hin taane Oromummaan yakkanii kan ajjesan yoo ta’u, Obbo Itichaanis badii tokko kan hin qabnee fi jaalalaan hawaasa naannoo isaa  gidduu kan jiraatu ta’uu jiraattotni waa’ee isaa beekan ragaa ba’u.

Nama jabaa hawaasni isa dhaga’u namootaaf kabaja qabu kana ajjeesuu hidhattoota kanaatti uummanni hedduu gadduu fi rakkoon karaalee adda addaan uummaticha irratti deemaa jiruu fi dararaan guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa deemuu isaan  jiraattotni yaadda’uu ibsan.

Exit mobile version